Fana: At a Speed of Life!

Caasaan Bulchiinsa Addunyaa diinagdee guddataa jiruuf deebii akka ta’u dammaqinaan hojjechuu qabna-MM Dooktar Abiy

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2017 (FBC)- Biyyoonni BRICS caasaan bulchiinsa Addunyaa diinagdee guddataa jiruuf deebii akka ta’uuf dammaqinaan hojjechuu qabna jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad Fooramii Bizinasii BRICS Mooskootti gaggeeffamaa jirurratti marsariitiin haasawaa haasaaa taasisaniin addunyaa keessaa biyyoonni miseensa BRICS harka 50 akka ta’an ibsaniiru.

Humni kunis guddina fi misooma waaraa Addunyaa irratti gummaacha qabatamaa akka taasisuu himaniiru.

Humna kanas qabatamaatti jijjiiruuf, caasaan bulchiinsa addunyaa, bakka bu’aa, hirmaachisaa fi diinagdee guddataaf deebii akka ta’uuf dammaqinaan hojjechuun murteessa ta’uus akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.