Fana: At a Speed of Life!

Caalbaasii addaa sharafa alaan Doolaara Ameerikaa 1 Birrii 107.9’n gurgurame

Finfinnee, Hagayya 1, 2016 (FBC)- Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa caalbaasii addaa sharafa alaa gaggeesseen Doolaara Ameerikaa 1 giddugaleessaan Birrii 107.9’n gurguruu beeksise.

Baankichi bu’aa caalbaasii addaa sharafa alaa har’a gaggeessee ifoomseera.

Haaluma kanaan caalbaasichaan Doolaara Ameerikaa 1, Birrii 107.9’n gurguruu beeksiseera.

Caalbaasicharratti baankonni daldalaa 27 kan hirmaatan yoo ta’u, gatiin giddugaleessaa sharafichaa har’aa akeektu haalota gatii sharafaa alaa borii keessa tokko akka ta’e ragaan baankicharraa argame ni mul’isa.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiratuun, gatii sharafaa hojiirra oole garaagarummaan gatii gabaa waliin kan walitti dhiyaatu ta’uun bu’aan argame gammachiisaadha jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.