Fana: At a Speed of Life!

 Bu’uuruma murtoo Gumiin Abbootii Gadaa dabarsaanii  kabajamuu akka qabu Abbaan Gadaa , Haati Siinqee fi dargaggoonni himan

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC)  – Irrechi siyaasa kan hin qabne guyyaa galataa ta’uu koroonaa ittisuun,  bu’uuruma murtoo Gumiin Abbootii Gadaa dabarsaanii  kabajamuu akka qabu Abbaan Gadaa , Haati Siinqee fi dargaggoonni himan.

Naannawaa Adaamaatti Abban Gadaa Magraa Laggasaa akka ibsanitti Irreechi siyaasa hin qabu, guyyaa galataa fi araaraati jedhan.

Dargaggooni oduu humnoota badii otuu hin dhaggeeffatiin murtoo Gumii Abbootii Gadaa dabarsan hordofuun ayyaanicha kabajuu akka qaban ibsaniiru.

Dargaggoonni naannawaa Adaamaa jiran bakka jiranitti akka kabajan gorsinee, dargaggoonnis gorsa keenya dhaga’anii hojiirra oolchuuf qophiidha jedhaniiru.

Haati Siinqee Caalii Tumsaa dargaggoonni gorsa abbootii gadaa dhaga’uu akka qaban himaniiru.

Tajaajila Oduu Ityoophiyaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.