Fana: At a Speed of Life!

Bu’uuraalee misoomaa magaalichaa sirnaan eeguuf seera kabachiisa dambiirratti fooyya’iinsi taasifame

Finfinnee, Adoolessa 17, 2016 (FBC) – Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee Bu’uuraalee Misooma magaalichatti hojjetaman badiirraa tiksuuf seera kabachiisaa dambiirratti fooyyeessa taasisuu beeksiseera.

Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee fi Ejensiin Bulchiinsa Qulqullinaa Magaalichaa waloon ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Daayireektarri Olaanan Ejensiin Bulchiinsa Qulqullinaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Isheetuu Lammaa Qulqullinaa Magaalaatti eegsisuuf Dambiin 167/2016 akka ba’e himaniiru.

Hojii Gaggeessaa Olaanaan Abbaa Taayitaa kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee Kumaalaa Zarihuun Tafarraa ,dambiin ba’e Kun Birrii kuma 2 hanga kuma 100 kan adabsisu ta’uu ibsaniiru.

Kumaalaa Zarihuun Tafarraa akka ibsanitti, namni bakka hin eyyamaneetti qulqullaa’ee Birrii kuma 2 kan adabamu ta’uu himaniiru.

Balfa bakka hin malleetti gatuun ammoo namni dhuunfaa birrii Kuma 2 dhaabbiilee yoo ta’an immoo adabbii Birrii kuma 5 kan adabaman ta’uun eerameera.

qaamni balfa Magaalaa Finfinneetiin ala fide gatee Birrii kuma100 kan adabamuu ta’uus kaasaniru.

Suuraalee, barreeffamaa fi beeksisoota adda addaa bakka hin eeyyamamnetti namni dhuunfaa yoo maxxanse birrii kuma 2 dhaabbata yoo ta’e ammoo Birrii kuma 25 kan adabamuu ta’uu AMN gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.