Fana: At a Speed of Life!

Buusaa Gonofaan Duudhaa Oromoon Rakkoo Uumamaa fi Namtolchee Ittiin Qolatudha-BKO

Finfinnee, Guraandhala 8, 2016 (FBC)-Buusaa Gonofaan Duudhaa Oromoon Rakkoo Uumamaafi Namtolchee Ittiin Qolatudha jedhe Biiroon Kominikeshinii Oromiyaa
 
Biirichi Ibsa baaseen, ji’oota jahaan darbe keessattis hojjetameen miseensota miliyoona 9.6 ol horachuu, barattoota miliyoona 5.3 oliif nyaata dhiyeessuufi qaamolee hawaasaa rakkoo uumamaa fi namtolcheen qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqa’an deebisanii dhaabuu keessattis gumaachi olaanaan taasifamuu himeera.
 
Guutuun Ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.
 
Ilmi namaa Addunyaa kanarraa wayita jiraatu qormaataawwan uumamaafi namtolchee kan ittiin wal damdamachiisu sirnoota garaa garaa ijaarratee qaba.
 
Oromoonis falaasama Sirna Gadaa keessaa qabuun rakkoowwan uumamaafi namtolchee kan ittiin ce’ee wal ceesisu sirna wal gargaarsaa duudhaa isaan dabaalame Buusaa Gonofaa qaba.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas jijjiiramaa booda duudhaa ganamaatti deebiuun rakkoowwan uumamaafi namtolchee qolachuuf Buusaa Gonofaan fala waaraa tauu mirkaneesse.
 
Sirna aadaan ture kana ammayyeessee jaarmiyaa mootummaa naannoo irraa hanga Aanaatti caasaa guddaa qabu taasisuunis ijaareera.
Sirni kaleessa aadaan uummanni ittiin wal tumsaa ture kun labsii 214/2014 Caffee Oromiyaatiin erga raggaee as waggaa lama keessatti namoota miliyoona hedduuf hubannoo uumuun miseensota miliyoona 21 horachuus dandaeera.
 
Kanaanis qormaataawwan uumamaafi namtolchee waggoota lamaan darbe mudaataa ture karaa ajaaiba taeen qolachuufi sagantaa nyaata Barattootaanis injifannoo haaraa galmeessuun dandaameera.
 
Humni waloo kun tarkaanfii haaraa duudhaa Oromoo ganamaa irraa madde ergama Oromoo qormaata namtolcheefi uumamaa qolachuu dandae uumuun saba guddaa gargaaramuu keessaa gara gargaaruutti cee ijaaruudha.
Uummanni keenyas rakkoowwan hawaasummaa waloo waggoota lamaan darbe mudate Kaabaa hanga Kibbaa,
 
Bahaa hanga Lixaa kan qabu irraa qoodee gargaarsa harka ormaa osoo hin eeggatin wal oolchuu akka dandau gochaan nuuf mirkaneesseera.
 
Kun jalqabbii amansiisaa Oromiyaa ijaarree Itoophiyaa utubuufi gaanfa Afriikaa tasgabbeessuu akka dandeenyu kan mulisedha.
 
Karoora xiiqii bara 2016n hojiiwwan ji’oota jahaan darbe keessattis hojjetameen miseensota miliyoona 9.6 ol horachuu, barattoota miliyoona 5.3 oliif nyaata dhiyeessuufi qaamolee hawaasaa rakkoo uumamaafi namtolcheen qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqa’an deebisanii dhaabuu keessattis gumaachi olaanaan taasifameera.
 
Uummata keenya qindeessinee humna waloo Buusaa Gonofaas cimsinee harka Ormaa osoo hin eeggatin rakkoo uumamaas tae namtolchee nu mudatu damdamachuuf dursinee qophaa’uun qaroomina. Akkuma eegalletti cimsinee itti fufna.
 
Ergama kana dhaloota dhaalchisuuf manneen Barnootaa Oromiyaa keessatti argaman hundi barattoota gumii Buusaa Gonofaatiin ijaaruufi hubachiisuun dhaloota cimsuu qabu.
 
Bara 2016 kanatti miseensota Buusaa Gonofaa miliyoona 22.6 irraan gahuuf hojjetamaa jira.
 
Kanaafis Buusaa Gonofaaf miseensa tauufi wal tumsaaf harka diriirsuun gocha eebbifamaa abboota keenya irraa dhaalle ammayyeessinee Oromiyaa ijaarree dhaloota itti aanu dhaalchisuuf Oromoon hundi miseensa Buusaa Gonofaa akka ta’u waamicha dhiyeessina.
 
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
 
Finfinnee
 
Guraandhala, 2016
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.