Fana: At a Speed of Life!

Buusaa Gonofaan Oromiyaa bara baajatichaatti qabeenya Birrii biiliyoona 10 ol walitti qabuu ibse

Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC)- Buusaa Gonofaan Oromiyaa bara baajatichaatti qabeenya Birrii biiliyoona 10.3 walitti qabuu beeksise.

Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Mogas Ida’een ibsa FBC’f kennaniin bara baajatichatti hojiilee bu’aa qabeessaa hedduun hojjetamuu ibsaniiru.

Dhaabbatichi bara baajatichaatti miseensota miiliyoona 12 ol horachuu himan, waliigalaan miseensonni isaa miiliyoona 24 .4 qaqqabuu eeran.

Buusaa Gonofaan Aadaa walgargarsaa Oromoo ta’uu yaadachiisanii, bara baajatichaatti barattoota miiliyoona 6.7’f baasii Birrii biiliyoona 8 oliin nyaanni dhiyaachuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan Miseensota fi qamoolee tumsitootaa garaagaraarraa qabeenya Birrii biiliyoona 10.3 tilmaamamu walitti qabuu kaasaniiru.

Hawaasni hubannoo argateen gurma’inaan harka qaleeyyii naannawaa isaa jiru akka deeggaruu taasifamuus himaniiru.

Deeggarsi lammiileef taasifamu daran cimaa dhufu kaasuun, fulduraatti hojiileen garaagaraa kan hojjetaman ta’uu akeekaniiru.

Buusaa Gonofaan misoomaa qonnaan dhiyeessii miidhaaniin of danda’uuf lafa qonnaa mijjeessaa jiraachuu Obbo Mogas eeraniiru.

Buusaa Gonofaan Oromiyaa bara baajatichatti hojiilee milkaa’ina gaarii qaban hojjechuu himaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.