Fana: At a Speed of Life!

Buufatni Baaburaa Sabbataa hojii eegale

Finfinnee, Mudde 11, 2016 (FBC)- Koorporeeshiniin Geejjiba Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Buufata Baaburaa Sabbataa hojii eegalchiise.

Saganticharratti Ministir Deetaa Ministeeraa Geejjibaa fi Loojistiksii Dheengee Boruu, Hoji Raawwachiisaa olaanaan Koorporeeshinii Geejjibaa Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Dooktar Abdii Zannabaa, dabalatee qondaltonni Bulchiinsa Magaalaa Shaggar argamaniiru.

Obbo Dheengee Boruun saganticharratti haasawaa taasisaniin, oomishaa galii fi daldalaa alaa biyyatti dabalaa dhufe geejjibsiisuuf geejjibsnii baaburaa gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Keessumaa xaa’oo biyyee biyya keessaa galchuun qonnaan bultootaa bira saffisaan akka qaqqabuuf gahee olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Buufanni Baaburaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sabbataatti argamus tajaajila kennuu eegaluun sochii hawaas-diinagdee naannawichaa kan si’eessu ta’uu dubbataniiru.

Hoji Gaggeessaan koorporeeshinii Geejjiba Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Dooktar Abdii Zannabaa gama isaaniin, Itiyoophiyaa fi Jibuutii Gidduu buufataaleen baaburaa 20 kan jiran ta’uu kaasanii, buufataalee haaraas dabalataan hojii eegalchisaa jiraachuus eeraniiru.

Buufanni Baaburaa Sabbataa hojii eegaluunis Magaalaa Shaggaritti carraa hojii kan uumuu ta’uu ibsaniiru.

Koorporeeshiniin Geejjiba Baaburaa Itiyoo-Jibuutii mootummaa Itiyoophiya fi Jibuutiin ALA 2018 hundeeffamuun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.