Buufanni tursa Doonii jalqabaa Laamuu eebbifame
Finfinnee, Caamsaa 12, 2013 (FBC) – Qaama Proojektii waloo Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Sudaan Kibbaa kan ta’e buufanni tursa Doonii jalqabaa Laamuu eebbifameera.
Preezdaantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataan buufaticha eebbisiisaniiru.
Preezdaant Keeniyaataan buufatichi hojii eegaluu isaa erga ifoomsanii Dooniin jalqabaa buufaticharrati meeshaalee buufteerti.
Buufanni Laamuu hojii eegaluun isaa hariiroo daldalaa fi Tajaajilaa biyyoota Baha Afrikaa sadanii walitti hidhuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu Preezdaant Keeniyaatan eeraniiru.
Carraa hojii hedduu kan uumuu ta’uu fi hojiin qaama Proojeticha biroos saffisaan raawwachuu akka qabu hubachiisaniiru.
Milkaa’iin Proojektichaaf Ityoophiyaan deeggarsa barbaachisu hunda kan taasiiftu ta’uu Keeniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Mallas Alam dubbataniiru.
Daandiin Naayiroobii – Mooyaalee –Finfinnee eebbifamuu fi Keellaan tajaajila fooddaa tokko Mooyaalee 1 hojii eegaluun buufaticha waliin walitti ida’amuun hariiroo ummataa biyyoota kanneenii caalmaatti kan cimsan ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Keeniyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.