Fana: At a Speed of Life!

Buufanni konkolaataa Shaashamannee Birrii miiliyoona 400 hojjatame eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2015 (FBC) – Buufanni konkolaataa Bulchiinsa magaalaa Shaashamanneetti Birrii miiliyoona 400 hojjatame eebbifameera.

Jilli Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinna Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan durfamuu buufaticha eebbisiiseera.

Magaalaan Shaashamannee magaalota Riijoo poolisii ta’an keessa takka waan taateef buufanni sadarkaa isaa eeggate guddina magaalaatiif murteessaa ta’uu Obbo Fiqaaduu Tasammaa dubbataniiru.

Buufanni kun, Iddoo dhaabbii konkolaataa, hoteelota, suphaa konkolaataa, dhaabbilee fayyaafi baankii dabalatee hawaasa buufatichatti fayyadamaniif tajaajila hunda galeessa kenna jedhame
Akka oromiyaatti Birrii biiliyoona 6’n buufataalee konkolaataa qindaawaa 10 fi buufanni xiyyaaraa 1 ijaaramaa jiraachuu Hooggantuun Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa Injinar Heelan Taammiruu Himaniiru.

Xilahuun Yilmaafi Jibriil Huseentu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.