Buufanni konkolaataa qindaa’aa Magaalaa Roobee tajaajila kennuu eegale
Finfinnee, Caamsaa 13, 2014 (FBC) – Buufanni konkolaataa qindaa’aa Magaalaa Roobee har’a tajaajila kennuu eegaluu ibsame.
Buufanni Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 96 oliin ijaarame kun Adoolessa 5, 2013 eebbifamuunsaa ni yaadatama.
Buufatichi si’a tokkotti konkolaattota 200 keessummeessuu danda’a jedhame.
Buufatichi Tajaajila biirolee, galma waltajjii adda addaa,tajaajila baankii, kaafee, teelee, suuqii, bakka dhaabbii konkolaataa, iddoo boqonnaa imaltootaa, suphaa fi bakka dhiqaa konkolaataa kan of keessatti hammate ta’uu himameera.
Namoota kuma 2 oliif Carraa hojii uumus eerameera.
Proojektichi sababa rakkoo humna ibsaa fi bishaaniin ji’oottan kurnan darbaniif tajaajila malee turuusaan walqabatee komii hawaasa ta’ee ture.
Hoggansi magaalichaas komii hawaasaa kana dhageeffachuun qaama dhimmi ilaallatu waliin ta’uun rakkichaaf furmaata waaraa kennuu isaanii himameera.
Buufanni konkolaataa qindaa’aa Magaalaa Roobee kunis guyyaa har’aa Caamsaa 13,2014 irraa eegalee ifatti tajaajila kennuu eegaluu isaa ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalaa Rooberraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.