Buufanni humna ibsaa Yaa’aballoo eebbifame
Finfinnee, Caamsaa 28, 2013 (FBC) – Jilli Sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaa Kilaastera Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan durfamu buufata Humna Ibsaa Yaa’aballoo eebbisiiseera.
Buufataich magaalaa Yaa’aballootti Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 27 kan ijarame ta’uu himameera.
Buufatichi Humna ibsaa meeggaa Waattii 132 kuusee kan raabsu ta’us himameera.
Godina Boranaatti yeroo amma Proojektoonni 136 birrii biiliyoona 2.7 hojjetamanii xummuraamuun eebbifamaa jiraachuu ragaan Waajjira Dhimmoota kominikeeshinii mootummaa Godina Booranaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.