Fana: At a Speed of Life!

Buufanni boba’aa Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 50 ijaarame ebbifame

Finfinnee, Amajjii 20, 2012 (FBC) – Buufanni boba’aa Taaf Ooyil Ityoophiyaan baasii Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miliyoona 50n mooraa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa keessatti ijaarramaa ture ebbifameera.

Kuusichi booba’aa liitira miliyoonaa 6 qabaachu danda’a jedhameera.

Ijaarsi buufatichaa waggaa lama kan fudhate yammuu ta’u kaleessa ebbifameera.

Sirna ebbichaa irratti ministir deettaan Ministeera Daldalaa fi Industirii obbo Takkaa Gabrayyas, ministir deettaan Ministeera Geejjibaa aadde Muluu Gabra Igzaabiheer, hoji gaggeessaa oolaanaan Dhaabbata Eerpoortota Ityoophiyaa obbo Iskindir Alamuu fi preezdaantiin dhaabbatichaa obbo Tinsaa’ee Akliiluu argamuun ifatti ebbisiisaniiru.

Kuusichi xiyyaarotaaf boba’aa ga’aa ni dhiyeessa jedhameera.

Kuusaan boba’aa kun namoota 350 carraa hojii ni uuma jedhaniiru.

Taaf Ooyil Ityoophiyaan bara 2004 kan hundaa’ee yoo ta’u, biyyattiitti bufataa boba’aa 74 qaba.

Maddi:-TOI

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.