Fana: At a Speed of Life!

Buraayyuutti sirna eebba hoteela tokkoorratti walitti bu’insa uumameen namoota hanga tokkorra miidhaan qaamaa ga’uu bulchiinsi magaalicha beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2012 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti sirna eebba hoteela tokkoorratti walitti bu’insa uumameen namoota hanga tokkorra miidhaan qaamaa ga’uu bulchiinsi magaalicha beeksise.

Bulchiinsa magaalichaatti hogganaan wajjira dhimmoota kominikeeshinii mootummaa obbo Abdallaa Xibeesso Faanaa Broodkaasting Koorporeetitti akka himanitti guyyaa kaleessa sirna eebba hoteela tokkoorratti walitti bu’insa uumameen artistoota lamarra miidhaan qaamaa salphaan ga’uu eeraniiru.

Yerichatti poolisiin naannicha ga’un walitti bu’insicha dhaabuun miidhaan dabalataa akka hin qaqqabne taasiseera jedhan.

Bulchiinsi magaalicha miidha kana eenyu akka qaqqabsiise gareen poolisii ijaarame qorachaa jiraachu himaniiru.

Kanaan ala miidiyaa hawaasummarra waa’ee miidha qaqqabee, namoonni hidhamaniiru fi miidha qaqqabe kana poolisitu geessise jedhame kan odeeffamu odu sobaati jedhaniiru.

Yeroo ammaa kana magaalichi haala nagaarratti argama jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.