Fana: At a Speed of Life!

Buraayyuutti sagantaan balaa tiraafikaa ittisuudhaaf geejjiba motor maleeyyiin haa faayyadamnu jedhu gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2013 (FBC)-Bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti sagantaan balaa tiraafikaa ittisuudhaaf geejjiba motor maleeyyiin haa faayyadamnu jedhu gaggeeffameera.

Sagantichi walta’iinsa Abbaa Taayitaa Geejjiba Federaalaa, Abbaa Taayitaa Geejjiba Oromiyaa fi Komishinii Poolisii Oromiyaa akkasumas Abbaa Taayitaa Geejjiba Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu fi Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutiin qophaa’eera.

Sagantichi mata duree ‘Dogongora kootiin lubbuun nama tokkoo balaan Tiraafikaa tasaatin darbuu hin qabu’ jedhuun kan gaggeeffame.

Itti gaafatamaan Abbaa Taayitaa Geejjiba Magaalaa Buraayyuu obbo Kumaa Hundee, sosochiin akkanaa kun qoohaa’un hawaasni hubannoo akka argatu taasisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu himaniru.

Geejjiba motor maleeyyii fayyadamuudhaan balaa tiraafikaa qaqqabu ittisuun akka danda’amuudha kantiibaan Magaalaa Buraayyuu obbo Jagnaaw Gizaaw saganticharratti himaniiru.

Naannoon Oromiyaa akkuma biyyatti balaan tiraafikaa Kan itti heddummaatuu ta’uun wal qabatee kana hir’isuuf ammoo sosochiin kun naannoo Oromiyaa keessatti marsaa 9n taasifameera jedhan.

Dajanuu Gonfaatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.