Fana: At a Speed of Life!

Buraayyuutti bara kana projektoonni buleeyyii fi haaraa 73 hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2014 (FBC)-Magaalaa Buraayyuutti bara kana projektoonni buleeyyii fi haaraa 73 hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi magaalichaa ibseera.

Projektiiwwan kunnenis  Birrii  biliyoonaa  1 oliin  hojjetamaa  jiraachuu ibsameera.

Projektiiwwan kanneen baajata mana qopheessaa bulchinsaa magaalaa Buraayyuu, bajaataa  mootummaa naannoo Oromiyaa fi hirmaannaa hawaasa  magaalichaan  hojjetamaa jiraachuu  himameera.

Projektiwwan  magaalichaa keessatti hojjetamaa jiran daandii koobiili , manneen Barnoota Bu’uura Boruu 4, ijaarsa manneen harka qalleeyyii ijaaramaa jiruu fi daandiin aspaaltii Urgaa Shaaqaa kiiloo meetira 5.5 isaan mursaadha.

Projektiiwwan ijaarramaa jiranis gaaffii hawaasaa magaalichaa bu’uura kan godhataniidha jedhu  itti aanaa hojii gaggeessaa fi damee misooma magaalaa Buraayyuu Obbo Addisuu Dhugumaan.

Projeektiiwwan  ijaaramaa jiran kanneen irratti  dargaggoonni  hojii hin qabne kumni  2 fi 700  ol waldaan gurmeessuun carraa hojii akka argatan taasifameera  jedhu obbo Addisuun.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.