Fana: At a Speed of Life!

Buraayyuutti balaa ibiddaa mudateen suuqiiwwan 13 barbadaa’an

Finfinnee, Adoolessa 6, 2015 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuutti manneen daldalaarra balaa ibiddaa qaqqabe to’atameera.

Balichi manneen tajaajila daldalaa garaagaraa kan kennan 13 barbadaa’uu Ogeessi Quunnamtii Ummataa Koomiishinii Hoggansaa Soda Balaa fi Ibiddaa Magaalaa Finfinnee FBC’f ibsaniiru.

Balaan ibiddichaa babal’atee miidhaa caalu akka hinqaqqabsiisne tattaaffii taasifameen to’annoo jala oolfamuu eeraniiru.

Balichi miidhaan nama irraan geessise kan hinjirre ta’uu ibsaniiru.

Gama biraatiin halkan keessaa naannoo sa’aati 5:00tti Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 5’tti, balaa ibiddaa giroosarii tokkoorratti mudateen miidhaan qaqqabuu ibsaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.