Fana: At a Speed of Life!

Buqqatota biyya keessaa deeggaruuf pirojektiin Birrii biiliyoona 2.7 ifoome

Finfinnee, Amajjii 3, 2016 (FBC)- Gamtaan Awurooppaa fi tumsitoonni isaa buqqatota biyya keessaaf deeggarsa waaraa taasisuuf pirojektiin Birrii biiliyoona 2.7 ifoomeera.

Pirojektichis naannolee Amaaraa, Tigraay, Beenishangul Gumuzitti sababoota garaagaraan lammiilee buqqaa’anii fi hawaasa naannawaa ollaaf deeggarsa waaraa taasisuuf kan tumsudha jedhameera.

Pirojektichis Dhaabbata Godaantota Idil Addunyaa, Dhaabbata Gargaarsaa Jarman, Ejensii Walta’iinsa Misoomaa Xaaliyaanii, Waldaa Qaxaamuraa Diimaa Deenmarkii fi Waldaa Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan hojiirraa oolu ta’uun ibsameera.

Hojiirra oolmaa sagantichaas naannawaalee filamanitti sababa walitti bu’iinsaan kanneen miidhaman, buqqaatotaa olaanaa yookaan godaansaa deebitoonni kan jiran ta’uu ragaan Itiyoophiyaatti Gamtaa Awurooppaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.