Buqqaatota Ityoophiyaatti argaman deeggaruuf Doolara miiliyoona 62 barbaachisa jedhame
Finfinnee, Eebla 4, 2015(FBC)- Buqqaatota Ityoophiyaatti argaman deeggaruuf Doolarri miiliyoonni 62 kan barbaachisu ta’uu Sagantaan Nyaata Addunyaa beeksise.
Baatiiwwan jahan itti aanuutti buqqaatota Ityoophiyaatti argaman kuma 900 deeggaruuf Doolarri miiliyoonni 62 kan barbaachisu ta’uu saganticghi ibseera.
Dhaabbatichi yeroo amma buqqaatota Naannoo Somaaleetti argaman kuma 100’f deeggarsa dhiyeessaa jiraachuu ibseera.
Buqqaatota kanneen lubbu isaanii bararuuf deeggarsi mallaqaa ariifachisaan kan barbaachisu ta’uu dhaabbatichi ergaa gamaTiwiitara isaan dabarseen beeksiseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.