Fana: At a Speed of Life!

Bunni Ityoophiyaa seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif sharafa alaa doolaara biiliyoona 1 argamsiise

Finfinnee, Caamsaa 4,  2014 (FBC) – Bunni Ityoophiyaa seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif sharafa alaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 1 argamsiiseera.

Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen bu’aa seenaa qabeessa kanaaf baga gammaddan jedhaniiru.

Ityoophiyaan oomishaalee biyyaa alaaf dhiyeessitu keessaa oomishi bunaa adda duree ta’uun itti fufeera.

Oomishni bunaa biyyattiin  gara Chaayinaatti ergitu haala olaanaan guddateera.

Bara Faranjoota 2021 Chaayinaan ammantaan buna Ityoophiyaarraa galchite kana bara darbeen wal bira qabame yoo ilaallamu caalmaa %196’n guddateera.

Ministirichi bara baajata darbeen hanga bunaa gara alaatti ergee hin himne.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.