Fana: At a Speed of Life!

Bunni Ityoophiyaa Hadiyyaa Hoosaa’inaa 5-0n injifate

Finfinnee, Muddee 25, 2012 (FBC) – Tapha Priimiyar Liigii Ityoophiyaa torbee 6ffaan Bunni Ityoophiyaa Hadiyyaa Hoosaa’inaa 5-0n yoo injifatu darbiin Oromiyaa qixaan xumurame.

Tapha priimiyar liigii marsaa 6ffaa har’a taphatameen Bunni Ityoophiyaa Hadiyyaa Hoosaa’inaa 5-0n, Faasiil Bahaar Daar 3-0n, Dirree daawwaan Buna Sidaamaa 2-1n yoo injifatan, Adaamaa fi Abbaa Jifaar 0-0n qixa bahaniiri.

Sa’aatuma walfakkaatuutti kan gaggeeffame taphni Walwaaloo Aaddegiraatii fi Magaalaa Hawaasaa, Akkasumas Magaalaa walqixxee fi Sihuun Shiree goolii malee qixa xumurameera.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.