Fana: At a Speed of Life!

Bunni Dhama addaa Ityoophiyaa Kg 1 Birrii Kuma 47 fi 236tti gurgurame

Finfinnee, Hagayya 18, 2014 (FBC) – Dorgommii Dhandhama addaa yeroo 3ffaaf gaggeeffameen Bunni Dhama addaa Ityoophiyaa injifateera.
Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaa, “Bunni keenya ammas injifate;Qonnaan bultoonni keenyas injifachuun Ityoophiyaa boonsaniiru,” jechuun ibseera.
Dorgommii dhandhama addaa Bunaa bara kanaan Bunni Ityoophiyaa qulqullinan qabxii olaanaa galmeessuun injifachuu Abbaan taayitichaa ibseera.
Caalbaasii guyyaa kaleessaa ‘online’ gaggeeffameen Bunni Ityoophiyaa Kg 1 Doolaaraa 884.10 yoo Birrii Kuma 47 fi 236tti gurguramuu ragaan Abbaa Taayiticharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.