Buna hektaara tokkorraa kuntaala 12 argachuuf hojjetamaa jira-BQO
Finfinnee, Waxabajjii 9, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti oomisha bunaa hektaaraa 1’rraa kuntaala 7 argamaa ture gara kuntaala 12’tti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beekise.
Barana biqiltuu bunaa biiliyoona 2.6 dhaabuuf hojjemaa jiraachuun eerameera.
Godina Gujii Lixaatti hojiilee misoomaa qonnaa garaagaraa daawwatameera.
Obbo Geetuu Gammachuun daawwannicharratti akka jedhanitti, kanaan dura lafa hektaara 1’rraa buna kuntaalaa 7 hincaallee argamaa turuu yaadachiisanii, yeroo ammaa sanyii filatamaa fi teeknooloojiiwwan garaagaraa hojiirra oolchuun, hektaara tokkorraa kuntaala 12 argachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Kana milkeessuufis biqiltuu Bunaa filatamaa fi firii gaarii kennuu danda’uu baay’isuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Godinni Gujii Lixaa misooma Bunaatiin hirmaanaan tasisaa jiru olaanaa ta’uu kan kaasan Bulchaan Godinichaa Obbo Adulaa Hirbayyee, bara kanas sanyii bunaa haaraa baay’inaan misoomsaa jiraachuus ibsan.
Rakkoo nageenyaa godinichatti mul’achaa tures, yeroo ammaa haala amansiisaa irra jiraachuun hawaasni godinichaa gara misoomaatti deebi’eera jedhan.
Baayiluu Baaneetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia