Fana: At a Speed of Life!

Kutaan magaalaa Boolee fi bulchiinsi magaalaa Buraayyuu muxxannoo hojii wal jijjiiran

Finfinnee, Qaammee 1, 2014(FBC)- Bulchiinsi kutaa magaalaa Boolee fi Bulchiinsi magaalaa Buraayyuu dameewwan hojii garaagaraatti muxxannoo wal jijjiiran.

Bulchiinsi magaalaa Boolee kenna tajaajilaa foyyeessuun,fayyadamummaa hawaasa mirkaneessuun hojiiwwan hedduu hojjeta turu hojii raawwachiiftuun olaantuun kutaa magaalaa Boolee aadde Alamtsehaay Shifarraa himaniiru.

Kutaan magaalichaa aadaa hojii hawaasaa jijjiiruu fi qaala’insa jireenyaa hir’isuuf mooraa isaa keessatti hojii qonnaa magaalaa baldhaa ta’e hojjeta akka ture aadde Alamtsehaay himaniiru.

Qonnaa magaalaa keessattis bu’aalee qonnaa argaman harka qalleeyyiif raabsamu eeraniiru.

Kunis bulchiinsota magaaloota biroo kessaayuu Bulchiinsa magaalaa Buraayyuutiif muxxannoo gaarii ta’ua akka danda’us kaasaniiru.

Akkasumas proojektiwwan yeroo gabaabaa karoorsuun gara hojiitti jijjiiramuu himaniiru.

Finfinnee akka maqaashee miidhaksuufis hojiiwwaan miidhagina magaalaa hojjetamuu aadde Alamtsehaay ibsaniiru.

Bara kana keessaa kutaan magaalaa Boolee sanyii fi xaa’oo bituudhaan qonnaan bulaa deeggaruuf bilisaan raabsuu eeraniiru.

Akka Bulchiinsa magaalichaatti harka qalleeyyii tumsuudhaaf manneen harka qalleeyyii ijaaruudhaan dabarsanii kennuu dubbataniiru.

Kennaa tajaajilaa ammayyeessuun hawaasa dhamaatii irraa olchuufi kutaan magaalichaa tajaajila hunda teeknoolijiin deeggaruuf himuun bulchiinsi magaalaa Buraayyuu kanarra muxannoo guddaa akka argatu dubbataniiru.

Bulchiinsi magaalaa Buraayyuu muxannoo damee hojii gama maraatiin kutaa magaalaa Booleerraa fudhate gara hojiitti akka hiikuus Kantiiban magaalaa Buraayyuu obbo Jaginaaw Gizaaw himaniiru.

Hojiiwwan kutaa magaalichaatiin hojjetamaa jirus dinqisifataniiru.

Obsee Waaqgaariitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.