Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsii fi Poolisiin magaalaa Dirree Dawaa Miseensota Poolisii Federaalaa adda waraanaa jiraniif deeggarsa taasisan

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Bulchiinsii fi Poolisiin magaalaa Dirree Dawaa Miseensota Poolisii Federaalaa adda waraanaa jiraniif deeggarsa Birrii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 5 olitti shallagamu  taasisaniiru.

Polisiin Federaalaa imaanaa mootummaa fi uummataan itti kenname fudhachuun sochii humnoota farreen nageenyaa qolchuuf naannolee Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz godina Matakkal, Kaamaashii fi bakkeewwan birootti dirqama isaa ba’achaa jiraachuu Ittaanaan Komishinara Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Malaakuu Faantaa ibsaniiru.

Kantiibaan magaalaa Dirree Dawaa obbo Kadir Juhaar gamasaaniin, qaamolee nageenyaa nuti osoo jirruu biyyi hin salphattu jechuun lubbuu isaanii osoo hin qusatiin gareewwan shororkeessitootaa salphisaa jiraniif galatni kan maluuf ta’uu ibsaniiru.

Biyya gootummaan eeguunii fi uummata tajaajiluun kabaja guddaa fi carroomuu ta’uu Komishinarri Komishinii Poolisii magaalaa Dirree Dawaa Alamuu Magraa ibsaniiru.

Jilli kantiibaa magaalaa Dirree Dawaa obbo Kadir Juhaariin durfamu deeggarsa sangoota 45 fi akaakuu taasiseera.

Hoggantoonni olaanoon bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa, Poolisii Federaalaa fi Poolisii magaalaa Dirree Dawaa miseensota poolisii dirqamarratti miidhaman Hospitaala Riiferaala Poolisii Federaalaatti argaman jajjabeessaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.