Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsichi hojmaata badaa hambisuuf kan tumsu sooftweerii haaraa ifoomse

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015 (FBC)-Bulchiinsi Nageenyaa Odeeffannoo rakkoolee bulchiinsa gaarii fi hojmaata badaa ni hambisa kan jedhame Sooftiweerii eeruu kalaquun ifoomse.

Walharkaa fuudhiinsi teeknooloojichaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo fi Koomiishinii Namusaa fi Farra Malaanmaltummaa gidduutti har’a gaggeffameera.

Sooftiweeriin kun lammiileen wayita tajaajila argachuuf dhaabbilee garaagaraatti dhaqan, hojmaata badaa fi gochaa malaanmaltummaa wayiita mudatuun bilbila isaaniin teeknooloojii eeruu ittiin kennan ta’uun himameera.

Namni eeruu kennu kamuu sodaa tokko malee gama intarneetiin hojmaata badaa fi gochaa malaanmaltummaa arge eeruu kan kennu ta’uu Daayrektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sokkaa ibsaniiru.

Nageenyi teeknooloojichaa sa’aatii 24 eegamaa ta’uus ibsaniiru.

Ummanni Ityoophiyaa yakkoota malaanmatummaa fi hojmaata badaa hambisuuf teeknooloojichaan eeruu kennuun hirmaannaa akka taasisan gaafataniiru.

Taariik Addunyaatu gabaase

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.