Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsichi dhaabbata Idil Addunyaa Heelveetaas Iswiis inter Koopireeshin jedhamu waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2015 (FBC)- Bulchiinsi Daandiiwwanii Ityoophiyaa Dhaabbataa Idil Addunyaa Heelveetaas Iswiis Inter Koorporeeshin jedhamu waliin riqicha ce’umsaa ijaaruuf sanada waliigaltee walta’iinsaa mallatteesseera.

Gama dhaabbatichaan waggoota 20’f naannawaa Ityoophiyaa garaagaraatti riqichoota ce’umsaa 110 ijaaruun tajaajilaaf qaqqabsiisuun eerameera.

Sagantaa ijaarsa riqichootaan imala walxaxaa hambisuu fi rakkoo bakka ga’umsaa hawaasaa kan hambisuu akka ta’e eerameera.

Sanadni har’aa mallatteeffames waggoottan muraasa dhufan naannawaa garagaraatti riqicha ce’umsa imaltoota miilaa bal’inaan ijaaruuf kan gargaaru ta’uun eerameera.

Saganticha raawwachiisuuf maallaqa barbaachisu mootummaa fi walta’iinsa Heelveetaas Iswiisiin kan uwwifamu ta’uu ragaan Bulchiinsa Daandiiwwanii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.