Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay paartilee siyaasaa naannicha keessa socho’an waliin mari’ate

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC) – Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay guyyaa har’aa paartilee siyaasaa naannicha keessa socho’an waliin marii taasiiseera.

 

Marii haala waqtaawaarratti xiyyeeffachuun gaggeeffame kanarratti hojii raawwachiisaa olaanaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Dooktar Muluu Naggaa dabalatee bakka buutoonni paartiilee siyaasaa naannicha keessa socho’anii argamaniiru.

 

Waltajjii kanaan tattaaffii naannichatti nagaa buusuuf taasiifamaa jirurratti mari’atameera.

 

Akkasumas yeroo itti aanu naannichatti nagaa buusuu fi dhimmoota biroo bulchiinsa yerichaan hojjetamuuf karoorfaman keessatti ga’ee Paartilee siyaasaa irrattis mari’atameera.

 

Hojii raawwachiisaa olaanaan bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Dooktar Muluu Naggaan hojiilee naannichatti hojjetamuf yaaddaman ilaalchisee hirmaatootaaf ibsa taasiisaniiru.

 

Wixineen chaartara abbaa qabxii 6 qophaa’uu eeraniiru.

 

Chaartara kana keessatti caaseeffamni bulchiinsaa fi haala diinagdeen naannichaa itti olka’uu danda’u hammatamuu himaniiru.

 

Dabalataan tasgabbii fi nageenya buusuu, olaantummaa seeraa fi haqa naannichaa mirkaneessuu, tajaajila naannichaa adda cite itti fufsiisuu fi paartileen siyaasaa naannichaa filannoo biyyaalessaa irratti bilisaan dorgomuu haalli dandeessuu chaartaricha keessatti hamatamuu ifoomsaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
1,
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.