Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay jiraattoota magaalaa garaagaraa waliin mari’ate

Finfinnee, Sadaasa 28, 2013 (FBC)-Bulchiinsi naannoo Tigraay jiraattoota magaalaa Zaalaambassaa, Wiqroo, Addigaaraatii fi Idaagaa Hamuus waliin haala waqtaawaa biyyaarratti mari’ateera.
Mariichan jiraattoonni bulchiinsa naannoo yeroochaa cinaa dhaabbachuun nageenya waarawaa mirkaneessuuf akka hojjetan himaniiru.
Miseensi koree bulchiinsa yeroo obbo Habtaay Gabra Maariyaam akka ibsanitti, iddoowwan mariin itti taasifamee hundatti jiraattoonni dhaabbileen mootummaa gara hojiitti galee tajaajila akka isaaniif laatu gaafataniiru.
Gaaffileen dhaabbilee fayyaa, ibsaa, tajaajilli ityoo teeleekoom ariitiin hojii nuuf haa egaalan jedhuun baldhinaan kaafamu himaniiru.
Gareen juntaa ABUT duula olaantummaa seeraa mootumman gaggeesseen erga ittifamee uummanni qaama haqaan isaan bulchu akka barbaadan gaafatamuus eeraniiru.
Miseensi koree bulchiinsa yeroo aadde Saabaa Gabra Maariyaam gama isaaniitin, gaaffiin uummata adeemsa keessaa akka furamuuf ni hojjenna jedhaniiru.
Hojii raawwachiisaa olaanaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Dooktar Muluu Naggaa, naannichatti argamuun iddoowwan garaagaraatti uummata marisisaa jiru jedhameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffan
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.