Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi naannoo Hararii hordooftoota amantaa Kiristiyaanaa maraan ergaa baga nagaan Ayyaana Qillee geessaanii dabarse

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (FBC) –Bulchiinsi naannoo Hararii hordooftoota amantaa Kiristiyaanaa maraan ergaa baga nagaan Ayyaana Qillee geessaanii dabarseera.
Bulchiinsi naannoo Hararii ayyaanichi tokkummaa biyyaalessaa kan cimsuu, misoomaa fi angeenya naannichaa cimsuun kabajamuu akka qabu beeksiseera.
Hawaasni wayita ayyaanicha kabaju ittisa vaayrasii koroonaa hojiirra oolchuun ta’uu akka qabu eereera.
Hariiroo waliin jireenyaa baroota hedduu lakkoofsise cimsuun jirattoota naannichaa hundarraa kan barbaachisu ta’uun, ayyanacha wayita kabajan kan rakkate qarqaaruu aadaa baratamaa dhufe hojiirra oolchuun kabajamuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.