Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa duula birmadummaa biyyaa eeguudhaaf gama nageenyaa fi misoomaan hojjachaa jira- Obbo Hayiluu Addunyaa

Finfinnee, Muddee 16, 2014 (FBC)- Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa duula birmadummaa biyyaa eeguudhaaf gama nageenyaa fi misoomaatiin hojjachaa jiraachuu ibsame.

Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa haala yeroorratti Miidiyaaf ibsa kenneera.

Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Hayiluu Adunyaa, naannichatti karaa misoomaas tahe kallattii nageenyaan milkaa’inni gaariin argamaa akka jiru himaniiru.

Qonnaan lafa heektaara miiliyoona 6.3 qotuuf karoorfamee lafa Heektaara Miiliyoona 5 ol misoomsuun danda’amuu ibsaniiru.

Omishni gahes haala gaariin walitti qabaamaa jiraachuu himaniiru.

Karoorri qonnaa jallisiinii fi arfaasaa haala qabameen hojjetamaa akka jirus dubbataniiru.

Bu’aa jallisiin yeroo bonaa qamadiirratti argame bu’uura godhachuun bara kanas qamadii jallisiin kilaastaraan facaasuun jalqabamera jedhan.

Gama galiitiinis, Naannichatti Galiin Naannichaa harka 90 walitti qabameera jedhan.

Karaa nageenyaan hirmaannaa Uummataa fi qaamolee nageenyaan tumsa taasifameen injifannoon gaarii argamaa jiraachuu dubbataniiru.

Amartii Tasfaayeetu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.