Bulchiinsi Mootummaa naannoo Beenishaanguul Gumuz Birrii miiliyoona 7 naannoo Afaariif deeggarsa taasiise
Finfinnee, Muddee 17, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Mootummaa naannoo Beenishaanguul Gumuz Birrii miiliyoona 7 naannoo Afaariif akaakuu fi maallaqaan deeggarsa taasiise.
Birrii miiliyoona 5 maallaqaan Birrii miiliyoona 2 ammoo akaakuun deeggarsa taasiiseera.
Preezdaantiin naannoo Beenishaanguul Gumuz obbo Ashaadilii Hasan deeggarsicha Preezdaantii Naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaaf laataniiru.
Preezdaantiin Naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaan deeggarichaaf mootummaa fi ummata naannoo Beenishaanguul Gumuz galateeffataniiru.
Maddi:- DhPI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.