Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa raayyaa ittisa biyyaa adda waraanaa Wallootti argamaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2014 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee raayyaa ittisa biyyaa adda waraanaa Wallootti argamaniif deeggarsa gosa garagaraa Birrii Miiliyoona 20 olitti tilmaamamu taasiseera.

Deeggarsichas Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee adda waraanaa Wallootti argamuun raayyaa ittisaaf laataniiru.

Aadde Adaanach isin Ityoophiyaaf jettanii lubbuu keessaa laachuu fi tokkummaa Ityoophiyaa eeguuf Ityoophiyaan akka ol jettuuf aarsaa guddaa kaffalaa jirtaan oolmaa nurraa qabdu jedhaniiru.

Biyya diiguuf kan ka’ee garee shoroorkeessaa ABUT injifachuuf qofaa keessaa mitii, maallaqaa qofaa laachuun osoo hin taanee lubbuu laachuuf qophiidhas jedhaniiru.

Yeroo itti aanuuttis deegarsichi maatii raayyaa ittisa biyyaaf kan taasifamuu ta’uu mirkaneessaaniiru.

Adda Waraanaa Wallootti qindeessaan deeggarsa laachuu garee  koomaand Poostii Mejer Jeneraal Habtamuu Xilaahuun gama isaaniin, raayyaa ittisa biyyaa kan injifatuu uummanni gaachanummaa isaa wayita cimsee itti fufuudha jdhaniiru.

Bisiraat Mangistuu fi Alaayyuu Garramuutu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.