Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa qaamolee sirna barnootaa haaraa qopheessaniif beekkamtii laate

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qaamolee sirna barnootaa haaraa qopheessaniif beekkamtii fi Badhaasa laateera.

Kantibaan magaalichaa Aadde Adaanach Abeebeen bakka argamanitti qaamolee qajeelfamaa fi kitaaba sirna barnoota haaraaf tajaajilan qopheessaniif beekkamtii fi badhaasni laatameera.

Aadde Adaanach ogeeyyii fi qooda fudhattoota itti gaafatamummaa isaanii ga’umsaan ba’uun qajeelfamaa fi kitaabilee kanneen qopheessan galateeffataniiru.

Qophii qajeelfamaa fi kitaabilee sirna barnootaa haaraa kanarratti barsiisonni 320 hirmaachuu ibsameera.

Maxxansa kitaabilee kanneeniif Birrii biiliyoonni 1 baasii ta’uu eerameera.

Sirni barnootaa haaraan kun manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa kuma 17 fi 300 keessatti hojiirra oola jedhame.

Barsiisuun kumni 30 fi 419 sirna barnootaa haaraan akka barsiisan qophiin taasiifamuu Hogganaan Biiroo Barnootaa magaalaa Finfinnee Dooktar Zalaalam Mulaatuun ibsuu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.