Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa Poolisii Federaalaaf deeggarsa ni taasisa-Aadde Adaanech Abeebe

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2017 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Poolisii federaalaa cinaa dhabbachuun tumsaa fi deeggarsaa barbaachisaa akka taasisu Kantiibaan Magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen dubbatan.

Aadde Adaanech hojiilee jijjiiramaa Poolisii Federalaa daawwataniiru.

Daawwannicharratti, hojiilee nageenyaa Poolisii Federaalaa waliin qindoominaan hojjetameen nageenyi magaalatti mirkanaa’uu fi jiraattonnis tasgabbiin jireenya idilee isaanii gaggeeffachaa jiru jedhan.

Poolisiin Federalaa jijjiiramicha ciminaan saffisiisaa jiraachuu daawwannaa taasisaniin hubachuu fi bulchiinsi magaalichaas deeggarsaa fi tumsa barbaachisaa akka taasisuu mirkaneessaniiru.

Dabalataan, Inistiitiyuutii Artifiishaal Intalajansii Itiyoophiyaatti ijaarsa dhaabbataa fi ce’umsa teeknooloojiirratti hojiilee ajaa’ibsiisoo fi yeroo ammaa madaalan hojjetamaa jiran dawwachuu Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin himaniiru.

Dhaabbilee teknooloojiin gurmaa’an ijaaruun Itiyoophiyaa badhaatee fi dorgomtuu taate mirkaneessuuf , Finfinnee magaalaa Ismaartii taasisuuf akkasumas nageenyaa fi tasgabbii ummataa gama eeguun humna akka ta’an himaniiru.

Dhaabbileen kunneen gumaacha taasisaa jiraniifis galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.