Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalichaa manneen kuma dhibba 1 ijaarsiisuuf sanada waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Bitootessa 7, 2015 (FBC) –Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Manneen Waliin jireenyaa kuma dhibba 1 ijaarsisuuf sanada waliigaltee mallatteesseera.

Gaaffii manneen waliin jireenyaa hawaasaa deebisuuf jiaarsa manneen jireenyaa mootummaa fi dhaabbilee deeggartootaan gaggeessuuf waliigalteen mallattaa’eera.

Ijaarsi manneen kanneenii marsaa jalqabaan lafaa hektaraa 350 irratti kan ijaaaramu ta’uu ibsameera.

Sirna waliigaltee kanarratti Kantibaa magaalichaa Aadde Adaanach Abeebee dabalatee bakka buutoonni dhaabbilee misoomaa biyya keessaa fi alaa 68 argamaniiru jedhame.

Addisuu Mulunahiitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.