Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalichaa Liizii Lafaa Heektaara 14.3 Caalbaasiif dhiyeessee

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2017 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Liizii lafaa Heektaara 14.3 Caalbaasiif dhiyeesseera.

Liiziin caalbaasii kun Onkololeessa 8-21, 2017 banaa taasisuu Biiroon Bulchiinsa Misooma Lafaa Magaalichaa ibsa kenneen beeksiseera.

Kutaa magaalaa Qirqoosiin alatti kutaalee magaalaa hunda keessatti lafti caalbaasiif dhiyaachuun ibsameera.

Caalbaasiin kun erga bara 2016 as yeroo 4ffaaf kan gaggeeffame yoo ta’uu, marsaa kanaan lafti kaaree Meetirri kumni 143 fi 140 dhiyaachuun eerameera.

Ashaannaaffi Shibbiruutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.