Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalichaa  godinaalee Harargee Lixaa fi Bahaatti lammiilee  hoongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa taasise

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu godinaalee Harargee Lixaa fi Bahaatti lammiilee  hoongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala kuma 2 fi 695 Birrii miiliyoona 7 fi kuma dhibba 5tti tilmaamamu taasise.

Magaalichi ‘dhaadannoo lammiitu lammiif birmata, lammiin keenya osoo nuti jirruu hongeen hin miidhaman jechuun, godinaalee lameeniif deeggarsa taasisuu ibsameera.

Deeggarsichi kutaa hawaasaa adda addaa irraa walitti qabamuu fi gara godinaalee  kanneeniitti geejjibsiifamaa jiraachuu ragaan Kominikeeshinii Magaalaa Bishooftuurraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.