Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa dhaabbata Jaappaan waliin waliigaltee bittaa maashinii suphaa daandii Birrii miiliyoona 360 mallatteesse

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee  dhaabbata Jaappaan  Fiicharbad Intarnaashinaal jedhamu waliin waliigaltee bittaa maashinii suphaa daandii Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 60 mallatteessuu ibsame.

Waliigalticha Daayrektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii magaalaa Finfinnee Injinar Mogas Xibabuufi bakka bu’aan dhaabbatichaa Ayaamii Naakaawoon gama marsariitiin waliif mallatteessaniiru.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen haasawaa sirna waliigaltee mallateessuu sanarratti taasisaniin, wakliigaltichi magaalichatti tajaajila daandii fooyya’aa kennuu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbatichis maashinicha yeroon akka dhiyeessu abdii qabaachuu kaasaniru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Iitoo Taakaakoon gamasaaniin, waliigaltichi miidhagina daandiiwwan magaalichaaf ga’ee olaanaa kan qabaatu ta’uu dubbataniiru.

Waliigaltichi dandeettii suphaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii magaalichaa %25 kan guddisu ta’uu Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitichaa Injinar Mogas ibsuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Akkaataa waliigaltichaan abbaan taayitichaa mootummaa Jaappaan irraa maashinaroota 81 bittaan kan fudhatu ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.