Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa deeggarsa maallaqaa fi gosaa Birrii biiliyoona 1 ol marsaa lamaan walitti qabe laate

Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee deeggarsa maallaqaa fi gosaa Birrii biiliyoona 1 miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 70 marsaa lamaan walitti qabe laateera.

Deeggarsicha itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin ,Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa biyya Dooktar Qana’aa Yaadataaf laataniiru.

Guyyaan gootummaa magaalaa Finfinneetti sagantaalee garagaraatin kabajamaa jira.

Guyyicha sababeeffachuunis Bulchiinsi Magaalaa Finfinneetis ,Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa dabalatee Gootoota biyyattii ,Maatii Ogeeyyii Fayyaa lubbuu isaanii weerara dhibee covid-19 ittisuu irratti dhabaniif sirna galateeffanna fi beekkamtiin laatameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.