Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa boqonnaa xumura bara 2014 fi boqonnaa qophii bara 2015 gamaaggamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee boqonnaa xumura bara 2014 fi hojii boqonnaa qophii bara 2015 gamaaggamaa jiraachuu ibsame.

Gamaaggamichi bakka  kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee fi hoggantoonni olaanoon magaalichaa argamanitti eegaleera.

Gamaaggamni kun guyyoota sadiif kan turu ta’uu fi raawwiin hojiilee mootummaa fi paartii bara 2014 kan itti gaamaaggamaman akkasumas dhimmoota xiyyeeffannoo bara 2015 irratti mariin kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.