Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalicha lammiilee kuma 263 oliif maaddii qoode

Finfinnee, Mudde 27, 2016 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee lammiilee kuma 263 oliif maaddii qoodeera.

Bulchinsi magaalicha lammiilee qaama midhaamtootaaf, galii gadii aanaa argatanii fi namoota biyyaaf oolmaa gaarii oolaniif maaddii qooduun ibsameera.

Deeggarsi taasifames Birrii miiliyoona 750 olitti kan tilmaamamu ta’uun eerameera.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee saganticharratti hasaawaa taasisaniin, deeggarsi taasifame lammiilee biyya isaaniif oolmaa gaarii oolaanii fi galii gadii aanaa argatan cinaa dhabbachuu agarsiisuuf akka ta’e dubbataniiru.

Qaamolee deeggarsicharratti hirmaachuun waloomaa isaanii agarsisaniif Aadde Adaanech Abeebeen galateeffachuun qaamooleen biroos akka irratti hirmataan gaafataniiru.

Taariku Waldaasanbatitu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.