Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar ayyaana bara haaraa sababeeffachuun deeggarsa adda addaa taasiise

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Ayyaana bara Haaraa sababeeffachuun Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti deeggarsa adda addaa taasiiseera.

Kutaan Magaalichaa manneen jireenyaa harka qalleeyyiif ijaaruuf karoorfate 34 keessaa 19 xummuruun meeshaalee guutuu waliin Bakka Kantibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan argamanitti dabarseera.

jiraattoota harka qalleeyyii fi maatii raayyaa ittisa biyyaa ta’aniif deeggarsa meeshaalee garaagaraa taasiisuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalaa Shaggar irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.