Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalaa Mojoo lammiilee Godina Harargee Bahaa hoongeen miidhamaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) –Bulchiinsi Magaalaa Mojoo, lammiilee godina Harargee Bahaa hoongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala 900  taasise.

Hawaasa hirmaachisuun deeggarsa   midhaan nyaataa kuntaala 900 lammiilee kanneeniif taasisuu Ittaanaan kantiibaa magaalichaa obbo Tsaggaayee Taklahaannaan ibsaniiru.

Torban  dhufu keessa marga beelii kuma 1 fi 600 kan ergan ta’uu dubbataniru.

Bulchituun Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Muhaammad gamasaaniin  godinichatti roobni yeroo isaa eeggatee roobuu dhabuun hawaasni aanaalee hedduu  hoongeef saaxilamuu kaasanii, deeggarsa taasifameef galateeffachuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.