Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii uummata godina Baaleef deeggarsa taasise

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii uummata godina Baalee hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala kuma 1 fi 200 taasise.

Bulchiinsi magaalicha deeggarsa midhaan nyaataan cinaatti marga beelladaa hidhaa kuma  1 fi 415 taasiseera.

Deeggarsicha Ittaanaan Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Ahmaddiin Nuuree dabarsanii laataniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Hoggansa Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Misoomaa Godina Baalee Obbo Wandimaagany Kabbadaa deeggarsa  taasifameef galateeffachuun, godinichatti hanga ammaatti midhaan kuntaalli kumni 17 fi 600 fi margi loonii hidhaan kumni 15 fi 370 lammiilee hongeen miidhaman dhaqqabuu himaniiru.

Hongee godinichatti babal’achaa jiru irraa uummata baraaruuf deeggarsi taasifamaa jiru  cimee itti akka qabu dhaamuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.