Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 70 olitti tilmaamamu taasise

Finfinnee, Muddee 1, 2014(FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa sangootaa dabalatee meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 70 olitti tilmaamamu taasiseera.

Deeggarsicha adda waraanaa Walloo fi Harbuutti argamuun taasiseera.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Raayyaan Ittisa Biyyaa garee shororkeessaa ABUT barbadeessuuf qooda olaanaa taphachuu ibsaniiru.

Deeggarsi Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Ajajaan olaanaan duula addaa meejar jeneraal Shuumaa Abdataa gamasaaniin, koomaandoon Addaa Riippaabilikaan Gaardiin garee shororkeessaa ABUT barbadeessuun gahee olaanaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.