Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qaamoolee nageenya ummataa fi magaala Finfinnee mirkaneessaniif bekkamtii kenne

Finfinnee, Onkolooleessa 2, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qaamoolee nageenya ummataa fi magaala Finfinnee mirkaneessaniif bekkamtii kenne.

Qaamoolee nageenya ummataa fi magaala Finfinnee mirkaneessun ayyaanoota amantaa fi ummataa nagaan akka kabajaman tumsanif bekkamtiin kennameera.

Sagantaan bekkamtichaa kaleessa galagala Paarkii Shaggar addabaabayii Michummaa irratti sagantaa galateeffannaa adda ta’ee qophaa’ee dhaabiilee amantaaf, abbootii Gadaaf, qaamoolee nageenya magaala Finfinnee, Oromiyaa fi feedaraalaaf, qaamoolee nageenyaa fi odeeffannoof, qaamoolee bulchinsa mootummaaf, dhaabiileee fayyaa fi midiiyaaf laatameera.

Saganticharratti Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa obbo Taaggasaa Caafoo fi Af-yaaii mana maree federeeshinii Adam Faaraan dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa, Ittii Aaantuu Kanttibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee, Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, ministeeroota, abbootii Gadaa, qaamooleen nageenyaa argamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.