Bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Sidaamaaf Birrii miiliyoona 50 deeggarsa taasiise
Finfinnee, Gurraandhala 15, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee sirna hundeeffama bulchiinsa mootummaa naannoo Sidaamaa sababeeffachuun deeggarsa Birrii miiliyoona 50 taasiseera.
Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee sirna hundeeffama naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti gaggeeffameerratti argamuun ‘gammachuun keessan gammachuu keenya’ jechuun birrii miiliyoona 50 arjoomaniiru.
Magaalaan Finfinnee magaalaa Ityoophiyaanoota hundaa ta’uu kan ibsan, aadde Adaanach, magaalichatti aadaa fi seenaa uummata Sidaamaa giddisuuf ni hojjetama jedhan.
Yeroo itti aanuus hariiroo bulchiinsa mootummaa naannoo Sidaamaa waliin qaban caalmaatti cimsuu fi magaalaan Hawaasaa waliin akka magaalaa obbolaatti waliin kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Preezdaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddamoon gama isaaniin, magaalaa Finfinnee dabalatee naannolee deeggarsa taasiisaan hunda maqaa ummata Sidaamaan galateeffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.