Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee raawwii karoora kurmaana 1ffaa bara 2013 irratti hoggantoota magaalichaa waliin mari’ataa jira

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee raawwii karoora kurmaana 1ffaa bara 2013 irratti hoggantoota magaalichaa waliin magaalaa Adaamaatti mari’ataa jira.
 
Marii kanarratti itti aantuu Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalichaa obbo Mallas Alam dabalatee hoggantoonni kuma 1 ol ta’an argamaniiru.
 
Karoora gama diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan qabame milkeessuun kan danda’amu qaamni murannoon yoo hojjeteedha jedhan aadde Adaanach.
 
Karoora badhaadhinaa qabanne hunda galmaan ga’uuf kutannoon barbaachisaadha jedhan itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alam.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.