Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Baajata bara hojii 2014 birrii biiliyoona 70.6 ol murteesse

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee baajata bara hojii 2014 Birrii biiliyoona 70 fi miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 70 murteesse.
Kaabineen magaalichaa Yaa’ii idilee gaggeesseen Baajata Kaappitaalee fi idileef Birrii biiliyoona 70 fi miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 70 murteessuun Mana Maree magaalichaaf qajeelcheera.
Baajanni bara hojii 2014 dhiyaate kun kana bara darbee Birrii biiliyoona 9 fi miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 19 fi kuma dhibba 5 fi kuma 94 caalmaa qabaachuu ibsameera.
Kaabineen magaalichaa karoora hojii ijoowwan waggaa 10 fi waggaa 5 magaalichaa milkeessuuf haala bu’uura godhateen baajata kana dhiyeessuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.