Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ayyaana bara haaraa sababeeffachuun lammiilee harka qalleeyyii kuma 500 oliif maaddii qoode

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC) – Qaammeen 4, Guyyaan Daneessummaa mata duree “Daneessummaa keenya tokkummaafi nageenya waaraaf!” jedhuun kabajamaa jira.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnees guyyaa har’aa lammiilee harka qalleeyyii, biyyaaf oolmaa oolanii fi hojjetoota mootummaa galii gadi aanaa qaban kuma 500 oliif maaddii qoodeera.

Kan qoodne maaddii qofa osoo hin taane jaalalaa fi kabaja lammiilee keenyaaf qabnuuf yoo ta’u, lammiileen kunneen ayyaana bara haaraa gammachuun akka dabarsaniif jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Abbootii qabeenyaa bulchiisa magaalichaa waliin ta’uun lammiilee kanneeniif deeggarsa taasiisan galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.